Leviticus 24:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Harunini ha ifse suni waan ifseeni ira ejitu, ka worqi ch'allaani mid'aasani, irati qorqorate, aka isiini hojja ch'ufa AABBO Waaqa durati bobeetu ilaalu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aaroon ibsaa sanniin baattuu worqi'ii mishaa irratti hennaa maraa haa qopheessuu; ibsaan kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti ifuu isaanii haa tooyatuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aaron waan issaa irra keyanu ta worqii qulluu irraa hujante san irratti, ifi sun akka hin dhaanne ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti.