Leviticus 24:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qit'aani suni ka Harunitifi ka ilmaani isaati, worri ha fulla qulqullooti nyaatu; wonti akanatiifi qit'aani kunini sagale qaalole keesa waan guddo qulqullo ta AABBO Waaqa durati gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aaroonii fi ijoollee isaatiillee akkasuma haa ta'uu; ciincaan ibiddaan ciincayee Rabbiif kennamu seera bara baraa ka woyyittii woyyootaa waan ta'eef, hulee woyyu'utti haa nyaatanii» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe.