Leviticus 25:45 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle ijoolle worra gosa d'ibi ka isani keesa godaanu, dandeetani bitatani. Ijoolleeni akasi suni ta lafa teesani keesati d'alate dandeete teesani taate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma garboota akka nama namatti galee jiraatuutitti isinitti galanii horan fiixaa isaanii keessaa garboota bitaa'a; isaan qabeenna keessan isinii haa ta'anii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worra yenna'aaf odduu teessan le'uu fi worra fira isaanii ka biyya teessan keessatti dhalate bitatiisa hin dandeettan; isaan qabeenna keessan hin te'an.