Leviticus 26:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle AABBO Waaqi Waan jed'e, Waan harkaani mid'aaani, d'akha boch'ani taanaani, akheekha woi taanaani, d'akha old'ad'aabani taanaani, tokole mid'aafatani inkad'atiina. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa keesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef waaqa tolfamaa ufiif hin hojjatinaa'a; fakii bocame yookaan soodduu hin dhaabinaa'a; biyya keessan keessa dhagaan bocamee itti sagadan hin jiraatin;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan; isin waaqota dharaa hin hujatina'a yookiin fakkii yookiin soodduu woyyittii hin dhaabbatina'a; dhakaa qiriixamelle itti sagadiisaaf biyya teessan keessatti hin dhaabina'a!