Leviticus 26:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani keesani lafa ira dabrani mid'aani d'aanani zabibu ch'ach'arsanini wold'aqabani, zabibuni ch'ach'arsanileeni fach'aasa mid'aanitini world'aaqabdi. Isani waan nyaachu feetani ch'ufa argatani lafa teesani keesa nagayani teetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa midhaan keessan guddatee baay'ateef, uduu midhaan haamattanii hin findhe hurbuun haamattan ka lammeesso'oollee gaya; uduu hurbuu woyini'ii san murtanii hin findhe hennaan midhaan facaaftan gaya; nyaata keessaniif waan isin barbaachisu maraa argattan; lafa teessan irrallee nagayaan jiraattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Midhaan adoo dhowattanuu yennaan unkuruura woyni'ii murattanu hin geetti; unkuruura woyni'iille adoo murattanuu yennaan midhaan facaafattanu hin geetti; sagalee barbaaddane maralle hin nyaattan; lafa teessan keessalle nageyaan hin leetan.