Leviticus 4:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ha d'iiga suni haga toko, gaafa afraani waan mesa fakaata ka Waaro Woyyuma keesati hit'aana irati aarsaniiti naquuti, Ammalle d'iiga hafe kaani ha waan mesa fakaata ka sorio irati Gubani, ka fulla balbala Waaro Woyyuma eju, jalati jissuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daasee wol gayi'ii keessatti hixaana ciinca'aa ka gaaffan keessa jiru irrattillee hin godha; dhiiga san hulee ciinca'aa ka balbala daasee wol gayi'ii jalatti jissa;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jiru jalatti dhangalaasuu ti.