Leviticus 4:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni ha d'iiga haga toko gaafa afraani waan mesa fakaata ka Waaro Woyyuma keesati hit'aana irati aarsaniiti naquuti. Ammalle d'iiga hafe kaani ha waan mesa fakaata ka sorio irati Gubani, ka fulla balbala Waaro Woyyuma eju, jalati jissu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadichi daasee wol gayi'ii keessatti hixaana urgaayaa gaaffan hulee ciincaa itti aarsanii irratti facaasa; dhiiga mirgo'oo ka hafe maraa hulee ciinca'aaa ka afoo daasee wol gayi'ii jiru jalatti jissa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hayyichi dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jirtu jalatti dhangalaasuu ti.