Leviticus 5:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami sabaliisa gugurdafi yokhaani didiqa baasu dad'abe, nami suni ha mid'aani daakhani ka kilo toko ka aka sorio dabaani ufiraa baasani, baasuti. Inni d'ad'a yokhaani hit'aana tokole iti naqu himmalle, wonti akanatiifi sorioni suni ta dabaani ufiraa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yoo kuukurruu lama yookaan ilmoolee handari'ii lama bitu'uuf ka horiin hanqatuuf ta'e cubbuu hojjate saniif daakuu iifii tokkoo ciincaa cubbu'uu godhee haa dhiyeessuu; waan ciincaa cubbu'uu ta'eef dhadha'aa fi hixaanallee itti hin buusu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Inni saphaliisa lama yookiin maddoo lama yoo harkaa hin qanne te'e, bullaa dansaa kiiloogiraama lamaa cubbuu huje saniif kennansa araara cubbu'uu dhikeessuu ti. Kun kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, zayitii ejersaa yookiin hixaana itti hin naqin.