Leviticus 5:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami danu waan qulqullo sila AABBO Waaqa baasani lakise, akasiini ch'ubbu tolche, nami suni ha gati waan suni elemo yokhaani korbeesa toko, ka kamu aabo inqamne, AABBO Waaqaa baasu. Gati hori suni ha aada Waaro Woyyuma gula laalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Eennullee yoo cubbuu Rabbi hin hojjatinaa'a jedhe hojjatee yakke, uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, dhiifamsa cubbu'uutiif mana woyyuu keessatti akkuma tilmaamaatitti Rabbiif ciincaa dhiyeessa; akkuma hubattetti dhiyeessita.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami tokko adoo hin beekin waan ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome balleessee yoo yakke, sababa yakkaa saniitiif, hoolee keessaa korbeessa fafa hin qanne ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu waan te'eef, gatiin isaa akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'ii ittiin madaalamutti ati itti madaaltetti te'uu ti.