Leviticus 5:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni waan sila baasu male baase, ammalle waan shani keesa toko ha iti daruti. Inni waan suni ha qaallichati kennuti duuba qaallichi hori suni sorio daba nama sunitini baasani baase, akasiini daba isaa araaramanifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan qulqullaayeen gatii cubbuu hojjatee kaffala; waan dura kaffalu irratti harka shanii keessaa harka tokko eda'ee gadichatti kenna; gadichi hoolaa san gatii ciincaa cubbu'uu godhee dhiyeessa; cubbuunillee isaa dhiifama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni waan woyyuu te'e keessaa ta balleesse bakka buusuu ti; gatii isi'ii keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee, hayyichatti kennuu ti; hayyichi korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu san woliin gumaa cubbuu isaatiif hin dhikeessa. Namichille cubbuu ifiitiif araara hin dhaggata.