Leviticus 6:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni ha mid'aani daakhanifi d'ad'afi hit'aana waan suni gubba jirale fuud'e, waan mesa fakaata irati gubuti, aka akasiini aka waan kana ch'ufa AABBO Waaqa iraa argatani garsiise, ch'inch'aani isi AABBO Waaqa gammachiiftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gadichi ciincaa midhaanii ka dhiyaatu keessaa daakuu mishaa ganaa tokko guutuu dhadhaa woliin akkasuma kennaa hixaanaa maraa fuudhee akka Rabbiif ciincaa urgaayaa ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aatitti ciinceessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi bullaa dansaa zayitiin ejersaa itti dhangalaafame san ooboo tokko guutuu, hixaana kennansa midhaanii irra jiru san mara woliin fuudhee, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, yaadannoo akka te'u, addee ciinca'aa irratti gubuu ti.