Leviticus 6:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga jiru jireenna nami d'iira ka d'aloota Haruni ha nyaatu; wonti kunini qooda worra ka guyya ch'ufa waan AABBO Waaqaa baasani keesaa worraa kennani. Nami sagale suni qabate ch'ufti nama qulqullo taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ciincaan ibiddatti ciincayee dhiyaatu baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitiif gayee akka ta'u ijoolleen Aaroonii ta dhiiraa maruu hin nyaatan; ka biraa garuu eennullee ka ciincaa kana tuqu maruu hunna woyyummaa saniitiin qoomama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyii Aaronii keessaa dhiirti martinuu kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hin nyaatan; kun dhalootaa haga dhalootaatitti qooda isaanii hin te'a. Nami kennansa san tuqe marti woyyuu hin te'a› jedhi» jedhe.