Leviticus 6:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan atini Harunifi ilmaani isaatini jettu, aadaani sorio dabaani ufiraa baasani tana: fulla hori gubani AABBO Waaqa durati sorio baasani iti qaltaniti sorio dabaani ufiraa baasanile qala. Sorioni suni guddo qulqullo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti akkana jedhii himi; seerri ciincaa cubbu'uu kana; horii ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu Rabbiin afo'otti hulee ciincaan cubbu'uu itti dhiyaatutti goorraata; huleen sun hulee guddisee woyyoome.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Kun seera kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu ti: horiin araara cubbu'uutiif kennamu irraa caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, addee kennansi gubamu itti qalamutti, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti.