Leviticus 7:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja nami Waaqa jed'e galata deebise sorio baasu, inni hori sorio baasu suni woliini qit'a bukho inqamne ha baasu: qit'a suni ha d'ad'ani wolti makhani fufurdisani d'aabaniti, yokhaani ha buddeena d'ad'a ibsani d'aabaniti, yokhaani ha qit'a d'ad'ani wolti makhani d'aabaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni tokko kennaa kana ciincaa galataa godhee yoo Rabbiif dhiyeessuu barbaade horii ciinca'aa woliin xoroshoo raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame, xoroshoo haphii raacitii hin qabne ka dhadhaa diban, xoroshoo daakuu misha'aan sukkuumamee godhame ka dhadhaa uf keessaa qabu haa dhiyeessuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko kennansa galataa yoo dhikeesse, kennansa galataa san woliin bixee bullaa dansaa uukoo hin qanne ta zayiti'iin sukkuumante, bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibamee fi zayiti'iin sukkuumante dhikeessuu ti.