Leviticus 8:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni ilmaani Haruni duraani gad'ufe, d'iiga fuud'e, nyaaba gurra mirgatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirgale qabeeni. Duuba d'iiga hafe kaani gama afraani waan mesa fakaata kaaniti jijisse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen ijoollee Aaroonii wolitti qabee dhiiga fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee quba harka mirgaa abbuuddichaa fi quba luka mirgaa abbuuddichaan tuqee dhiiga hafe naannaya hulee ciinca'aatitti facaase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni ilmaan Aaronii gara duraa fidee, dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra isaanii ka gara middaa, quba isaanii abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa isse. Dhiiga hafe cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase.