Leviticus 8:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani waan suni worra iraa fuud'e, waan mesa fakaata irati sorio gubani gubba kaye woliini gube, akuma sorio namaani eebisani. Tunini sorio gubani ta ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Muuseen isaan harkaa fuudhee hulee ciincaan dhiyaatutti ciinceesse; kun urgaa mishaa Rabbiin garaa laaffisu; innillee kennaa ibiddaan Rabbiif ciincaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen kennansa san harka isaanii irraa fuudhee akka ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatuu, ka foolee dansaa qabuu godhee addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube.