Leviticus 8:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani handaraafa fuud'e olqabe, aka AABBO Waaqaa baasani garsiise. Handaraafi suni waan Musani guyya qaalole eebisani suni sorio baasu. Waan kana ch'ufa Musani akuma AABBO Waaqi jed'eeni tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen ammallee handaraafa fuudhee kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan godhe; kunillee akkuma Rabbi Muusee ajaje korbeessi hoola'aa ka woyyumma'aaf qalame gayee isaa ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti cormii korbeessa hoole'ee ta ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatu ta qooda ifii fuudhee, kennansa tachoofamu Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.