Leviticus 8:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani d'ad'a muudatiifi d'iiga waan mesa fakaata gubba jiru fuud'e, Harunifi ilmaani isaatiifi woya worraleeti fifit'e, kara kanaani inni worraafi woya worrale AABBO Waaqa durati eebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen dhadhaa dibataatii fi dhiiga hulee ciinca'aa jiru fuudhee Aaroonii fi uffata isaa, ijoolle'ee fi uffata ijoollee isaallee woyyoomse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen zayitii muudaatii fi dhiiga diqqaa isaa addee ciinca'aa irraa fuudhee, Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa ilmaan isaatitti fiffixee, Aaronii fi woyaa isaa, ilmaan isaatii fi woyaa isaanii woyyoonse.