Leviticus 9:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba mid'aani Waaqaa baasanile d'ufeeni, mid'aani daakhani suni harka guutafe, fuud'e waan mesa fakaata suni irati gube. (Waan kana ch'ufa waan guyya ch'ufa gubani waaqaa baasani male baasani.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kennaa midhaaniillee dhiyeessee isa irraa ganaa tokko fuudhee ciincaa ganama gubatuun alatti hulee ciinca'aatitti ciinceesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kennansa midhaaniille fidee, ooboo tokko irraa fuudhee, ciincaa ganama ganama dhikaatutti ede'ee addee ciinca'aa irratti gube.