Luke 1:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti alati kad'achu jira, hojja inni hit'aana aarsu jiru suni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo innii hixaana aarsuu jiru sun, namii cuftii alatti kadhachuu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii Rabbiin kadhata'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii faateffata'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee ixaanni yeroo aarffamutti, ummanni marrinuu ala dhaabatanii ni kadhatan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.