Luke 1:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi inni Aabbo durati nama gudda taha, daad'iifi farso ind'ugu, Lubbu Qulqullooni guutama akuma garaa haad'a keesaa buuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maaliif innii Aabboo duratti nama guddaa ta'a. Daadhii fi dhugaatii nama macheesitu cufumaa hindhugu, ammallee akkuma garaa haadhaa keessaa bu'een Hafuura Qulqulloon guutama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni Gooftaa afo'otti waan nama guddaa ta'uuf daadhii woyini'ii yookaan dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha ufii keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee afoo Goofta'aatitti waan nama guddaa ta'uuf, daadhii woyini'ii yookiin dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha isaa keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee Gooftaa duranatti hangafa ni ta'a, daadhii woyyinni'iitii fi ka bira'aa'llee dhugaatii nama macheessu hin dhugu, uduma gadaamessaa haadhaa keessa jiru Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.