Luke 1:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni gabaanaani dubbachu dad'abe, aka inni Mana keesati daayya arge beekhani. Dubbachu dad'abe jennaani harka dadarbe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii gad baanaan dubbachuu dadhabee, akka innii Mana Waaqaa keessatti daayya arge beekan. Dubbachuu dadhabee jennaan harka dadarbaa akeekaan itti haasa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni waan duudaa dubbachuu hin dandeenne ta'eef malkataan isaanitti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni duudaa dubbachuu hin dandeenne waan ta'eef, malkataan isaanitti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Zakaariyaas Mana Waaqeffanna'aatii yeroo bayetti, namootaan woliin haasayu'uuf hin dandeenne, kanaaf isaan Mana Waaqeffanna'aa keessatti mulidhanni ka isatti mulidhate ta'uu ni beekan, inni'llee harkaan akeeka'aa isaan ni hubachiisa ture. Haala kanaan'llee duudaa ta'ee ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.