Luke 1:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi guyya suni niitiini isaa Elisabetiini garaachoofte, haga jia shani ch'ufa d'ofatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achiin duubaatti niitiin isaa Elsaabex garaachooftee, haga ji'a shanii cufa dhoffatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa haati manaa isaa Elsaabeex ulfoofteerti, hennaa «Gooftaan mudaa kiyya na irraa kaasuuf jedhee namoota jiddu'utti na yaadatee akkana naa godheera» jettee ji'a shaniif uf dhossite.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa haati manaa isaa Elsaabeex ulfoofteetti, hennaa Gooftaan mudaa kiyya narraa kaasuuf jedhee namoota jiddu'utti na yaadatee akkana naa godheera jettee, ji'a shaniitiif uf dhossite.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo muraasaan duubatti'llee haati worraa isaa Elsaabex ni ulfooftte, ji'a shanii mana isi'ii keessatti dhokattee ni turtte, akkana'llee ni jette,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte.