Luke 1:25 — Compare Translations

5 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin, “Goottaan tana anaaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabbatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jette, Waan kana Aabbooni ya naa tolche, aka na qarqaare fuula nama durati fafa naa didu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin, “Aabboon la fafa naa didee na qarqaaree fuula namaa duratti waan dansaa kana naa tolche” jette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gooftaan waan mishaa kana naaf raawwatee jira namoota jiddu'utti ashaa ni qaba ture'llee, naaf dhabamisiisee jira» jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette.