Luke 1:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, “Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!” isi'iin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani isiti d'ufte nagaya fuute waan jetteeni, Aabbooni si woliini jira, ya guddo si eebise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan Waaqaa gubbaa isitti dhufee nagaa fuudhee, “Atin ta Waaqii guddoo eebbisee, nageennii sii ha ta'uu, Aabboon si waliin jiraa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sun gara isi'ii dhufee, «Ati ta badhaadhaan guuttamte gammadi Gooftaan si woliin jiraa; Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sunillee gara isi'ii dhufee, «Ati ta ayyaanaan guuttamte gammadi; Gooftaan si woliin jira; Ati dubarttoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleeyikkichi'llee gara isi'ii dhufee, «Ati kennaa isaa ka bilisaatiin ta guuttamtte, nageenni si'iif haa ta'u! Gooftaan si woliin jira, [Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebbifamtte]» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe.