Luke 1:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasuma Mariamuni kaate titimaani dira lafa Yuda ka gaareeni keesa d'at'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafasuma Maariyaam kaatee hariitiin gara dira lafa Yihudaa ka gaarreen keessaa dhaxxe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Maariyam gara magaalaa biyya Yihuda'aa ta gaaraa jirttuu, dadafaan kaatee ni deemtte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.