Luke 1:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiya'aa keessaa hayyichi Zakkaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara Herodeni hayyu Yahudi, qaallicha toko jira ka Zekaria jed'ani ka balbala qaalole Abiya jed'ani. Niiti isa maqaani Elisabeti ta isiileeni balbala worra qaalole himatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara Herodis hayyuu Yihudii, balbala qaallolee Abiiya keessa qaallicha tokkootti ka Zakaariyas jedhan jira; niitii isaa maqaan Elsaabex; isiilleen balbaluma warra qaallolee keessa jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaa fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaallee fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'iillee Elsaabeex jedhama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis arddii Yihuda'aa titti nugusa yeroo turetti, kutaa qeesummaa Abiya'aatii ka ta'e, Zakaariyaas qeesicha jedhamutu jira ture. Inni'llee fiixaa Aroonii keessaa ka dhalattu haadha worraa, Elsaabex ta jedhamttu qaba ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.