Luke 1:51 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfisse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni harka ufitiini jabeenna agarsiise jara heregaani ufi saadu firfirse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii harka ufitiin jabeenna ufii agarsiisee, warra herregaan ufii guddisuu firfirse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ciqilee isaa cima'aan huminna isaa muldhisee jira, ufi tuulttota'llee yaada isaanii woliin isaan bittinneessee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.