Luke 1:66 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, “Mucaan kun maan te'inna laati?” jedhanee yaadatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami d'agaye ch'ufti garaa ufi keesa keyate, Gurbaani kuni nama akami taha? jed'ani. Wonti akanatiifi inni jabeenna Waaqa qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii dhaga'e cuftii garaa ufii keessa keeyyatee, “Waan dhugumaan jabeenna Waaqaa qabuuf gurbaan kun nama akkam ta'a badaa?” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf, worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waan kana ka dhagayan marrinuu, «Daai'minni kun maal ta'uuf danda'a?» jedha'aa, wol ni gaafatan ture. Kun'llee ka ta'eef gargaarissi Waaqaa, dhugamaanuu isaan woliin waan jiruuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane.