Luke 10:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ede'ee, “Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala kanke dira Korazini! Gaargala kanke dira Bethsaida! Ato sila huji gugurdo isani keesati tolchani suni Tirofi Sidoni keesati tolchani, worri arra kale daba iraa deebie ch'arqi naqate daara ufi indibiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus itti dabree “Gaargala kankee dira Koraaziin! Gaargala kankee dira Betsayidaa! adoo silaa hujii gugurdoo isan keessatti tolchan sun Xiiroosii fi Sidoon keessatti tolchanii, warrii ardhaa kalee cubbuu irraa deebi'ee bututtuu naqatee daaraa keessa hintataa'in.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa si aanne'e! maalaleen isin keessatti ta'e uduu Xiroosii fi Siidoona'atti ta'ee jiraatee silaa uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii duruu agii galan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kurraazi, sii aanne'e, Beetasayidaa, sii aanne'e maalaleen isin keessatti ta'e, Xiroosii fi Siidoona'atti uduu ta'ee jiraatee uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii silaa duruu agii galan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Si uunsha'a Koraazii! Si uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, Xiiroosii fi Sidoona'atti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi ni jiraatan turan uffata isaanii ka gaddaa uffataniitii fi daaraa irra ta'anii, duraanuu gara Waaqaa ni deebi'an turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ede'ee, «Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu.