Luke 10:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, “Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni inni gammada Lubbu Qulqullotiini waan jed'e, Galata si deebisa, Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana qarofi nama wo beekhu d'ossite ijoolle didiqo garsiifteefi. Ee, Aabbo, wonti akana kuni fed'i tanteti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun innii gammada Hafuura Qulqullootiin, “Aabboo, Abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qaroo fi warra wa beeku dhossitee ijoollee didiqqoo garsiifteef galata sii galcha. Ee'ee Aabboo, wantii akkana kun gammada kankeeti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee akkana jedhe, «Abbaa! Gooftaa ardi'ii fi sami'ii! kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galatoonfadha. Ee! Abbaa! fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesus Hafuura Qulqullicha isaatiin gammadee akkana ni jedhe, «Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhossitee, worra hin baratinii waan ibisiteef si galateeffadha, ee yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaan ta'ee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, «Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.