Luke 10:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Abbaan kiyya waan mara dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; ilma isaatii fi worra ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani kiyya yayu waan ch'ufa nati kenne: nami tokoleeni ka Ilma beekhu injiru Abba male, ammalle ka Abba beekhu injiru Ilmaafi nama Ilmi garsiisu fed'u male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Abbaan kiyya yaayyu waan cufa natti kenne; Abbaa malee namii tokkooleen ka ilma beeku hinjiru, ammallee ilmaa fi nama ilmii garsiisuu fedhu malee namii Abbaa beeku hinjiru” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e Abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Abbaan kiyya waan mara dabarsee natti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru» jedhe.