Luke 10:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isintti hima” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi anini isaniti hima, raagootafi hayyooti hedduuni waan isani argitani kana argu feete ammo d'ad'abde, ammalle waan isani d'ageetani kana d'agayu feete ammo d'abde.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
wantii akkanatiif anin isanitti hima, raagotaa fi hayyootii hedduun waan isan argitan kana arguu feetee ammoo dadhabde, ammallee waan isan dhageettan kana dhaga'uu feetee ammoo dhaga'uu dadhabde” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaattuu nabiyyoonni baayi'ee fi nugusonni'llee waan isin argitan kana argu'uuf hawwanii turan, garuu isaan hin argine, waan isin dhageettan kana'llee dhagayu'uuf hawwanii turan, garuu hin dhageenne» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isinitti hima» jedheen.