Luke 10:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi Seera beekhu toko, aka sila Yeso ilaalatu, olkae waan jed'eeni, Aabbo, maal tolchu male aka jireenna hegeri argad'u?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan namiichii seera beeku tokko, olka'ee Yesus laallachuuf, “Aabboo, akka jireenna barbaraa argadhu maal tolchuu male?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a! jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko barsiisaan seeraa tokko gara Yesusii ni dhufe, isa qormaatu'uf'llee barbaadee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narra mala?» jechu'uun, ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe.