Luke 10:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Nami toko Yerusalemu bahe Yeriko d'aqe; karaati harka shifta keesa, seene, woya isa ira baafatani, mata d'oosani, isa ch'ichu gahe lakisani kaani biraa yaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebiseefii, “Namii tokko Yerusaalemii ba'ee adoo gara Yerikoo deemuu; karaatti harka saamtuu seenee, wayaa isa irra baafatanii, mataa dhoosanii, isa cichuu ga'ee lakkisanii biraa yaa'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yerusaalemiin irraa gara Yaariko'oo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yeruusaaleemiin irraa gara Yaarikoo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammoo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Naminni tokko Yerusaalemii gara Iyaariko'oo yoo bu'u karaa irra uduu jiru saamttonni isa argatanii uffata isaa irraa ni mulqatan, eega dhaananiiniin duubatti'llee du'aa fi yeroo dhidhiitatutti, dhiisanii ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme.