Luke 10:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma namichi Lawi tokoleeni fulla isaa geennaani arge bira dabre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasuma namichii gosa Lewwii tokkoolleen fulaa sun dhufee isa arginaan, irraa goree bira ba'ee dabre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee hennaa namicha arge irraa goree lufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee, hennaa namicha arge, irraa goree lufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana leewichi tokko'llee karaa saniin ni deema ture, inni'llee namicha yeroo argetti womaayuu uduu hin raawwatiniif, karaa bira'aatiin bira dabrree ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare.