Luke 10:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa itti aanu diinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‘Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna’ jedheen” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyya qarsi lama baase abba manati kenne waan jed'eeni, isa qorqorad'u, hori atini iti darte deebieti sii baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Boriyya qarshii lama (haga beessee didaamaa) baasee abbaa manaatti kennee, ‘Isa qorqoraadhu, waan ati itti dartee baafte cufaa, anin yo deebi'ee isii baasaa’ ” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaa san saantibii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaari; hennaa karaa kana deebi'u kanaa olillee yoo baafte sii kennaa› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bariisaa san saantibii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaar; hennaa karaa kana deebi'u, kanaa olillee yoo baafte, sii kenna› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa itti aanutti'llee dinaara lamaa baasee abbaa mana keessummoonni bulaniitiif kenneeti, ‹nama kana ufi eegganna'aan naa dhukkubsachiisiin, baasii dabalataa yoo baaftte'llee yeroo deebi'utti, si ni kafala› jedheen.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna› jedheen» jedhe.