Luke 10:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus, “Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra sadeeni kana keesa eenuti namicha harka shifta seene suni jaalate seeta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus itti dabree, “Warra sadeen kana keessaa eennuutti namicha harka saamtuu seene sunii ollaa seeta?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Eegaa, namoota sadiin kanniin keessaa, saamtotaan dhaanamee nama kufeef, waahela ka ta'eef kamiin sitti fakkaata?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen.