Luke 10:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Beekaan Seera Muuse'ee, “Ka marareef” jedhee deebise. Yesuus isaan, “Atille dhaqii, akkasuma tolchi” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Namicha naheefi suni seha. Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Beeni, atileeni akasi tolchi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii seeraa beeku sun deebiseefii, “Namicha na'eef sun se'a” jedhe. Jennaan Yesus, “Atinilleen beenii, akkas tolchi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuus, «Atillee deemii akkasuma godhi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisaan seeraa'llee, «Ka garaa isaa laafe sanii fi ka isa gargaareen san» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Eegasuu deemi, ati'llee akkuma kana raawwadhu!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beekaan Seera Muuse'ee, «Ka marareef» jedhee deebise. Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.