Luke 10:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof minddaan barbachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Manuma suni keesa tataa, waan isanii kennani ch'ufa nyaad'a d'uga, wonti akanatiifi nami wo hojatu wo argachu male. Mana d'ibi induudiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Manuma sun keessa tataa'aa, waan isanitti kennan cufa nyaadha-dhugaa, wantii akkanatiif namii wa hojjatuu wa argachuu male. Mana dhibii hinduudinaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjataa tokkoo waan mindaan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjataa tokkoo mindaan waan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hojjata'aaf mindaan ni mala, kanaaf mana aseenttanitti waanuma isiniif dhiyeessan nyaata'aatii fi dhuga'aa turaa, manaa gara mana bira'aa'llee hin deeminaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof mindaan barbaachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a!