Luke 11:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, “Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko Yesoni fulla tokoti Waaqa kad'ate jennaani nami toko waan jed'eeni, Aabbo, aka Waaqa kad'atani nu barsiisi, akuma Yohanani jara ufi barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa tokkoo adoo Yesus fulaa tokkotti Waaqaa kadhachuu jiruu, eegii innii irraa ba'ee, jara isaa keessaa tokko, “Aabboo, akkuma Yoh. aannis jara ufii barsiisee, akka Waaqaa kadhatan nu barsiis” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaaf tokko Yesuus hulee tokkotti faateffata'aa ture; Hennaa faatee fixe darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Akka Yohaannis darasoota ufii barsiise akka Rabbiin kadhannu nu barsiisi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko Yesus bakka tokkotti ni kadhataa ture, kadhannaan isaa'llee yeroo xumuretti barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa Gooftaa! Yohaannis barattoota isaa kadhannaa akkuma barsiisee, ati'llee akka itti kadhannu nu barsiis!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe.