Luke 11:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa kadhatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoos, yo isanuu namii hamamaan, waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, abbaan keessan ka gubbaa ammoo, marroo hagam jara isa kadhatuu hagas irra Hafuura Qulqulloo kenna!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif yoo kennaa mishaa kennuu ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra Isa kadhataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra faateffataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.