Luke 11:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, “Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni herega worraa beennaani waan jed'eeni, Lafti gargari qoodamte ch'ufti imbaddi; manileeni yo gargari qoodame injiga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo herrega warraa beennaan, “Laftii gargarii baate cuftii inbaddi; warrii mana tokkoolleen yo wal dhabee gargarii ba'ee manii sun injiga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko qoodamee ufii isaatii ka adda bayu yoo ta'e, mootummaan sun ni bada, akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii ka qoodamu yoo ta'e ni kufa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama.