Luke 11:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nami isa ira jaba d'ufe isa dabsate, inni woraana abbaani kaani d'aabatu kaani isa iraa boojia.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii isa irra jabaa ammoo yo dhufee isa dabsatee, waraanaa wantee innii dhaabbatu taan isa irraa booji'ee horii isaa cufaa fudhaata. Nama dhiibii qooda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammoo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ka isa caalu naminni jabaan dhufee isa yoo injifateen, meeshaa woraanaa ka inni ittiin ufi dhaadan irraa ni fudhatama, qabeenna isaa mara'llee saamee ni qooda.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda.