Luke 11:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle ka golii tiyya hin te'in ana morma; eennulle ka ana woliin wolitti hin qanne hin bittanneessa” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami goli tiyya intahiini nyaapa kiyya; nami na qarqaare na woliini woltinguure ya firfirse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii golii tiyya hinta'in nyaapha kiyya; namii na qarqaaree na waliin tokkumaa hinqamnee inbittinnaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bittinneessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bintinneessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ka anaan woliin hin ta'in marrinuu naan ni morma, ka ana woliin'llee wolitti hin qabanne, ni bittineessa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.