Luke 11:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ayyaanoota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani biraa deemte, jinni torba d'ibi ta isi ira hamtu fuute, woliini duudani keesa qubatani. Jireenni namicha kaani ka ammaa ka duri ira hama.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achiin duuba deemteetti, jinnii torba dhibii ta isii irra hamtuu fuutee, waliin mana duudanii keessa qubatan. Jireennii namicha kaanii ka ammaa ka duriillee irra hamaata” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hammeeyyii biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemeeti worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hamoota biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti deemee isa caala'atti worra hammaatan kaanniin, hafuurota torbaa qabatee ni dhufa, mana duraan inni keessa turetti'llee galanii achi'llee ni jiraatan, haalli muumme'ee ka nama sanii'llee, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe.