Luke 11:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubaartiin takka qoonqoo ol qabattee, “Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni dubbi tana dubbatu, niitiini toko gumi keesa iti lalabde waan jetteeni, Garaa si d'aleefi harmi atini hoote ha eeba argatu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus dubbii taan dubbachuu jiruu, niitiin tokko gumii keessaa itti lallabdee, “Garaa si dhalee fi harmii ati hoote ka eebbifame!” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu kana dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa ufii ol kaaftee, «Gadaamessi si baatee fi harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus kana uduu dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa isi'ii ol kaaftee, «Gadaamessi si baateef harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus kana yeroo dubbatutti dubarttiin takka ummataa jiddu'uu qoonqqa isi'ii ol fudhattee, «Haati si deettee hoosftte ta eebbifamitte» jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane» jette.