Luke 11:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, “Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini iti daramnaani, inni waan jed'e, D'alooti kuni d'aloota hama! Akheekha barbaada, ammo akheekha iti inkennani, ka Yona male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin itti daramnaan, innii, “Dhalootii kun dhaloota hamaa! Akeeka barbaada, akeeka Yoonaasii malee ammoo, ka dhibii itti hinkennan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a; isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, Dhaloonni kun dhaloota hama'a, isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii yeroo wolgayanitti Yesus akkana ni jedhe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a, malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee malkanni bira'aa, hin kennamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf.