Luke 11:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya qorsuma hayyitiini lafa Shebaleeni kaate d'aloota kana himatti. Wonti akanatiifi isiini muumme lafati d'ufte aka qarooma Solomoni d'ageetu; ammo hubad'a, nama Solomoni ira jirtu arma jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa muraa qaallittiin lafa bitaatii kaateetti dhaloota kana himatti, wantii akkanatiif isiin akka qarooma Solomon dhageettu lafa muummeetii dhufte; ammoo hubadhaa, nama Solomoon irra jiruutti arma jiraa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Solomooniin caalu kunoo as jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Salamoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Salamooniin caalu kunoo as jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mootittiin kibbaa guyyaa murti'ii titti dhaloota kanaan woliin kaatee isa irratti ni murtteesiti, isin'llee ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii dhufittee jirtti, garuu kunoo, ka Solomooniin caalu asi ni jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira.