Luke 11:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ifsa bobeese d'ossu yokhaani okote jala kayu injiru, ammo gubba kaya, aka nami mana seenu ch'ufti ifsa argu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii ibsee bobeessee dhossuu yokaan okkotee jala kaa'u hinjiru, ammoo, akka namii mana seenu cuftii ibsee argu gubbaa kaa'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ifaa ibsanii gombisoo jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ifaa ibsanii gombisaa jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee bakka dhossa'aa ka kaayu, yookiin ginddoo ka itti gonbbisu eennu'llee hin jiru, kana irra namoonni gara keessaa yoo aseenan akka isaatti muldhatutti, ol fageessanii baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya.